Clinfowiki

Geessituuwwan gulaali

Zeeroon ykn duwween lakkoofsa addaati.Yoo wantootni duwween jiraatan tasumaa homaa hin jiru. Fakkeenyaaf namni tokko kophee duwwee yoo qabaate kophee tokkollee hin qabu jechuudha.

Seenaa

Yaad-rimeen duuwwee Dh.K.D jaarraa 3ffaa baabiliyoonii keessatti burqee ture. Haa ta’u malee, warri Baabiloon akka nuti itti fayyadamnutti utuu ta’in, duwwaa kka bakka bu’utti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, 304, ykn 450 yeroo barreessinu, 0 asitti argamu lakkoofsi dhabamuu fi iddoon qofti agarsiisa.

Warri Hindii akkaataa nuti itti fayyadamnutti zeeroo fayyadamaniiru, kunis yoo xiqqaate bara 620 Dh.K.B.tti jalqabe. [1] Lammiilee Hindiitiif zeeroo mallattoo iddoo qofa osoo hin taane, lakkoofsa of danda’ee shallaggii gargaaru ture. Lammiilee Hindii biratti 0 ida’uu, hir’isuu, hiruu fi baay’isuuf itti fayyadamaa turan.

Bara 768 Dh.K.B irraa eegalee Araboonni oguma lakkoofsa kanaa warra Hindii irraa barachuun lakkoofsa haaraa kanaaf maqaa sifir صفر jedhu kennaniiru . Hiikni isaa duwwaa ture . Hayyoonni Arabaa waggoota 200 kana keessatti hayyoota Awurooppaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu faayidaa zeeroo (0) waan qabaniif, herrega qofa osoo hin taane damee saayinsii birootiin sadarka gyddaa irra gahaniru. yeroof hayyoonni addunyaa Arabaa daran dhiibuu danda’aniiru.

Sana booda lakkoofsi kun jalqaba kitaaba Awurooppaa tokko keessatti bara 968 Dh.K.D. Fibonacci lammiin Xaaliyaanii, kan lakkoofsa kana Araboota irraa liqeesse, jecha "sifir" jedhu gara Zefiro tti jijjiire, itti fayyadamni lakkoofsa kanaas keessumaa jaarraa 12ffaa Dh.K.D. Awurooppaan babal’achuu qabdi turte. Booda, Afaan Ingiliffaatiin, "Zeefiiro" gara "Zero"tti jijjiiramee maqaan isaas kanaan maxxane.

herregaafi duuwwee

  • Zeeroo lakkoofsa hiramaa ti.
  • Zeeroon pozaatiiviis ta'ee negaatiivii miti .

Amaloota zeeroo

  • ida'uu: x + 0 = 0 + x = x . Lakkoofsa biraatti zeeroo dabaluun lakkoofsa sana hin jijjiiru
  • Hir’isuu: x − 0 = x fi 0 − x = − x .
  • Baay’isi: x · 0 = 0 · x = 0.
  • Qoodi: 0| x = 0, bakka x lakkoofsa zeeroo hin taane ta’etti. Faallaa kanaatiin, x |0 kan hin hiikamne dha .
  • Aangessoo: x 0 = x / x = 1, kun kan hojjetu yeroo x = 0 qofa. Akkasumas, lakkoofsa dhugaa kamiyyuu x, 0 x = 0.
  1. 2010 ዓም፣ ተመርማሪዎች በ«ካርቦን ዝመና» ዘዴ በኩል ዜሮ የሚጠቀምበት አንድ ሰነድ ከ200-400 ዓ.ም. እንደ ሆነ አሳወቁ። «ካርቦን ዝመና» ግን እጅግ አጠያያቂ ዘዴ ነው።